TOWHIIDA
Rabbiif hiriyoota hin godhiinaa.isin ni beektanii.”(Al baqaraa:21,22)
Ibnu Kasiir tafsiira isaa keessatti akkana jedhe:”Inni wantoota kana hunda uume,isumaatu gabbaramuu haqa godhata.”
G:13 Gosootni ibaadaa Rabbiin itti ajajee maal faadhaa?
D:Akka Islaamummaa,iimaana,ihsaanaati,ammaas wantoota san irraayi:kadhaa,sodaan,kajeellaan,hirkatuun,abdachuun,sodaatuun,naamusa godhatuun,sodaan cimaan,towbaan,gargaarsifatuun,tikfamuun,dirmachuu barbaaduun,qaluun,qodhaanii fi akaakulee ibaadaa irraa wantootni Rabbiin itti ajaje hundi.
G 14:Akaakuuleen ibaadaa dubbatamanii fi kan hin dubbataminiis,Rabbuma tokkicha, hiriyaa hin qabneefi,waan kana irratti raga fidii yoo gaafatamte?
D:Ragaan jechaa Rabbii ol ta’eeti: “Ibaadaan Rabbumaafi;kanaafuu,Rabbii wajjiiin waan tokkollee hin gabbarinaa.”(Aljinnii,18)
G 15:Murtiin nama wantoota ibaadaa irra ta’e,wan Rabbi hin ta’iniif hojjatee,yookaan garagalchee maali?
D:Namni wantoota san irraa,waanuma takka,waan Rabbi hin ta’iniif kenne,inni sun mushrika,kaafiraasi.
G16:Waan san irratti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Namni rabbi waliin gabbaramaa biro,odoo raga isatti hin qabne,gabbare,qorannaan isaa Gooftaa isaa biratti.Dhugumatti kaafirtoonni hin milkaawan.(Al mu’uminuun:117)
G 17:Kadhaan Rabbiif malee hin ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Gooftaa keessan:Isiniifiin owwaadhaa,Ana yaammadhaa!warri kadhaa tiyyarraa boonan fuuldura salphatanii,jahannam seenuuf jiran,”jedha.(Ghaafir:60)
Hadiisa keessattiis akkana jechuutu jira: “Kadhaan,dhuka ibaadaati”
G 18:Sodaan ibaadaa ta’u irratti ragaan maali?
D:Ragaan soda jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan anuma soda dhaa”(Aali Imraan:175)
AHadiisa keessattiis akkana jechuutu jira: “Kadhaan,dhuka ibaadaati”
G 18:Sodaan ibaadaa ta’u irratti ragaan maali?
D:Ragaan soda jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan anuma soda dhaa”(Aali Imraan:175)
G 19:Kajeellaan ibaadaaa ta’uu irratti raga maali?
D:Ragaan kajeellaa jecha Rabbii ol ta’eetii: “Namni Rabbii isaa qunnamuu kajeela,hujii baeedaa haa hojjatuu,ibaadaa Gooftaa isaa keessatti waan tokkollee hin dabalin.”(Al khaf:110)
G20:Hirkatuun ibaadaa ta’u irratti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Rabbuma qofa irratti yoo mu’umintoota taatan hirkadhaa!” Boqonnaa Almaa’idaa:23,Ammaas jecha Rabbiiti: “Namni Rabbi irratti hirkate,innuu numa ga’aaf.”(Suuratuxxalaaq:3)
G21:Kajeellaa,sodaa fi naamusni ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan isaa jecha Rabbi ol ta’eeti: “Isaan sun toltuu keessatti fuula duratti deemuu turan;kajeellaa fi sodaan nu waammatan,naamusa Nuuf qabaatuu turan.” Boqonnaa (Al anbiyaa:90)
G22:Khashyaan ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan khashyaa jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa anuma sodaadhaa.”(Boqonnaa ALbaqaraa:150)
G23:Ragaan toowbaan ibaadaa ta’uudhaa maali?
D:Ragaa isaa jecha Rabbiiti: “Gara Gooftaa keessanii deebi’aa,Isa jala butamaa.”(Suuraa Azzumar:54)
G 24:Ragaan gargaarsa barbaachuu ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaa isaa jecha Rabbi ol ta’eeti: “Suma qofa gabbara,suma qofa gargaarsifannaas.”(Suuraa Faatihaa:5)
Ammas hadiisa keessatti akkana jechuutu jira: “Yeroo gargaarsa barbaaddae,Rabbumaan gargaarsifatuu barbaadi,”Ahmad,Tirmiizii
G25:Tika barbaaduun ibaadaa ta’ui irrati ragaan maali?
D:Ragaan isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad! “Gooftaa nama uumeeniin tikfama,”jedhi”(Suuratu Annas:1)
G26:Ragaan dirmachuu barbaaduun ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaan saani jecha Rabbiiti: “Yaa Ergamaa!yeroo Gooftaa keessan irra birmachuu barbaaddanii,isiniif owwaate san,’yaadadhu.”(Al anfaal:9)
G27:Qaluun ibaadaa ta’u irraati ragaan maali?
D:Ragaan isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad!Akkana jedhi:salaanni kiyya,qaluun kiyya,jiruun kiyyaa fi du’uu kiyyaas Rabbii,Gooftaa Aalamaa ta’eefi.shariikni Isaaf hin taane.Isa tokkichoomsuu sanittiin ajaajamee,muslimtoota ummata kanaa irraa ani jalqaba.”
Hadiisa irraayiis: “Nama waan Rabbbii malee jiruuf qale,Rabbii rahmata Isaa irraa haa fageessu!”Muslim:(1978)
G28:Ragaan qodhaan ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaan qodhaa jecha Rabbiiti “Isaan qodhaa ni guutan,ammaas guyyaa humtuun faca’aa ta’e saniis ni sodaatan,”(Suuratul-Insaan:7)
G29:Bu’urri lammaffaa maali?
D:Bu’uurri lammaffaa:Gabrichi ammantii islaamaa ragootaan beekuu dha
30;Diinal islaam hiika isaa ibsi?
D;Rabbii tokkichoomsanii,itti of kennuu,ajaja isa jala butamuu,shirkiifi warra isii irraas qulqullaawuudha.
G31;Sadarkaaleen diinal-islaam meeqa?
D;Inni sadarkaalee sadi qaba.
G32;Sadarkaaleen sadeen sun maali?
D;Islaamummaa,Iimaanaafi Ihsaanaa dha.sadarkaaleen hundinuu rogoota mataa isaanii qabu
G33 Sadarkaan tokkoffaa maali?
D; Sadarkan tokkoffan islaamummaadha.
G34;Rogoonni islaamummaa maali?
D;Rogooni islaamummaa shani.
G35;Rogooni sun maali?
D;Dhugaan gabbaramaan Rabbii malee hin jiruu fi Muhammadiis ergamaa Rabbii ta’uu raga ba’uu, salaata sirritti sagaduu,zakaa kennu,ji’a Ramadaanaa soomanuu fi mana kaba jamaa ta’e san hamiluu dha(hajji godhuu dha).
G36;Ragaa shahaada himi?
D;Ragaan isii jecha Rabbii olta’eet i; Dhugaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre Rabbiin raga bahe, Malaykotaa fi warri beekumsa qabaniis raga bahaniiru.Dhugaan dhaabbataa haala ta’een. Dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru,Inni injifataa ogeessa;(suuraa Ali Imraan;13)
G37;Hiikaan gabbaramaan dhuga Rabbi malee hin jiruu maali?
D;Hiikaan isii; Inni dhugaan gabbaramu Rabbii malee hin jiruu Isii keessa dhabamsiisaa fi mirkaneessuutu jira; Daagaan dhabamsiisuu dhaa’’Dhugaann gabbaramaan hin jiru’’dha, wanta Rabbiin alatti gabbaramu hunda ni dhabamsiisa.’’Rabbi malee’’jechuun;Ibaadaa Rabbumaa qofaaf,mirkaneessu,Rabbiin akkuma mootammaa Isaa keessatti hiriyaa hin qabne,Ibaadaa Isaa keessattiis hiriyaa hin qabuu dha,
G38;Hiikaan shahaadaa,kan isii ibsu maali?
D;Wanti isii ibsu jecha Rabbii ol ta’eeti;’’yaa Muhammad! Yeroo Ibraahiim abbaa isaatii fi ummata isaatii akkana jedhe san (dubbadhu);Ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.Isa ana uume malee, Inni fuul dura ana qajeelcha.Isii tana jecha isa booda haftu godhe, akka deebi’aniif’’(Suuratul Zakhraf;26-28)
Ammaas jecha Rabbii ol ta’eeti; yaa Muhammnad!akkana jedhi;yaa abbootii kitaabaa! Gara jecha nuufii isinittiis wal qixa ta’ee kootta.(Isiin sun)Rabbi malee gabbaruu dhabu,Isatti waan biraa qixxeessuu dhabu, gariin keenyaas garii Rabbii achitti gabbaramoota godhatuu dabuu dha.yoo garagalan,nuti muslimtoota ta’uu raga tahaa !jedhaan’’(Aali-Imraan;64)
G39;Ragaan Muhammad ergamaa Rabbii tauu dhaa maali?
D;Ragaan inni ergamaa Rabbii ta’uudhaa, jecha Rabbii olta’eeti;Dhugumatti,ergamaan iinuma irra ta’e, isin rakkatuun kan itti cimu,qajeeluu keessan irratti bololaa(hawwaa)kan ta’e,mu’umintootaaf rifataa ,rahmata godhaa kan ta’e isinitti dhufeera.(suuratu attowbaa:128)
G;40;Mahammad ergaamaa Rabbiiti jechuun maali?
D; Hikkaan isaa;waan inni ajaje keessatti ajajaa isaa godhuu,waan inni hime keessatti isa dhugoomsitee, waan inni dhoorge irraa fagaatuu dha.Waan inni karaa godheen malee Rabbiin gabbaramuu dhabuu dha.
G41;Ragaan salaataa,Zakaa fi hiikkaan towhiidaas maali?
D;Ragaan isaanii jecha Rabbii ol ta’eeti;’’Qajeeloo ta’anii, ibaadaa isaa qulqulleessanii Rabbi gabbarutti maalee salaata sirri tti sagadutti malee, zakeess kennaatutti malee hin ajajamne.saniitu amantiiti (suuratu bayyinaah;5)
G42: Ragaan Soomanaa maali?
D: Ragaan Soomanaa jecha Rabbii ol ta’eeti:” Yaa warraamantan! Soomanni akka warra isiniin duraa irratti murteeffametti, isin irrattiis murteeffamee jira,akka Rabbi sodaattaniif.” (suuratul Baqaraa:183)
G43:Ragaan Hajjii maali?
D: Ragaan hajji jecha Rabbii ti:”Namoota sinqii danda’e ka’abaa haja’uun dirqama Rabbiif isaan irratti jiru. Nama didees Rabbiin aalamtoota irraa dureessa.”(Aali Imraan:97)
G44: Sadarkaan lammaffaahoo maali?
D: Sadarkaan lammaffaa: iimaana, inni dameelee torbaatamii fi wahi. Dameelee san irraa tan irraa olii; dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu dha. Tan irraa gadii immoo waan nama rakkisu karaarraa kaasuu dha. Saalfatuuniis dame iimaanaa irraahi.
G45: Rogootni iimaanaa meeqa?
D: Rogootni iimaanaa jaha.
G46: Rogootni sunniin maal faadha?
D: Rabbitti amanuu,Malaykota Isaattiis amanuu,kitaabban Isaattiis amanuu,Ergamtoota Isaattiis amanuu,Guyyaa Aakhiraattiis, qadarattiis; hamtuu fi toltuu isaatti amanuu dha.
G47:Rogoota jahan kana irratti ragaan maali?
D:Rogoota jahan kana irratti ragaan jecha Rabbiiti:”Fuula keessan kallattii bahaa fi lixaatti gara galchuun toltuu miti. Garuu toltuun (hujii) nama Rabbitti,guyyaa aakhiraatti,Malaykotatti, kitaabatti fi Nabiyyootatti amaneeti.”(Albaqaraa:177)
Ragaan qadaraa immoo jecha Rabbiiti:”Nuti waan hunda qixa sirrii ta’een uumne.”( Al qamar:49)
G48: Sadarkaan sadaffaa maali?
D: Sadarkaan sadaffaan:Ihsaana.
G49: Rogootni Ihsaanaa meeqa?
D: Roga tokkoo dha. Inniis:”Akka waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati arguu baattees Isaatu si argaa.”
G50: Roga kana irratti ragaan maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Rabbiin warra isa sodaatu wajjiin jira,warra toltuu hojjatanii waliin jira.”, Ammaas jecha Rabbiiti:”Rabbi injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti irkadhu. Yeroo ati dhaabbattu kan si argu. Warra sujuudu wajjiin gara gaggaluu keetiis kan si argu. Inni isumaatu dhagayaa,beekaa dha.”(Ashu’araa’i:217:220)
Ammaas jecha Rabbiiti:”Waan takkallee keessatti hin taatu; waan saniis Qur’aana irraa hin dubbiftu, hujii tokkollee hin hojjattan, yeroo isin keessa galtan ragaa isin irratti taanu malee hin taane.” (Yuunus:61)
G51: Sadarkaalee diin san irratti hadiisa irraa ragaa fidi?
D: Hadiisa irraa ragaan hadiisa Jibriil beekkamaa sani. Umar Binul Khaxxaab(R.A) irraa gabaafamee, akkana jedhe: odoo nuti Nabiyyicha(SAW) waliin taa’aa jirruu gurbaan huccuun isaa adii, rifeensi isaa akkaan gurraachaa, kan mallattoon imaltuu isarraa hin mullanne,nurraa kani nam-tokkolleen isa hin beekne tokkoo nurratti mullatee, gara Nabiyyichaa(SAW) achi goree gad taa’e, Jilba isaa lamaan gara jilba lamaan Ergamaa(SAW) harkisee, sanacha isaa lamaan tafa isaa lamaan irra kaayyatee, Yaa Muhammad(SAW)! Islaamummaa irraa naaf himi, jedhee, gaafannaan, Nabiyyichi(SAW) akkana jedheen:”Dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu raga bahuu,Muhammadiis Ergamaa Rabbii ta’uu raga bahuu dha, salaata sirritti dhaabuu dha, Zakaa kennuu dha,Ramadaan soomanuu dha, ka’abaa ziyaaruu dha,garas deemuu dha yoo dandeettii qabaatte. Dhugaa jette jedheen. Ifumaa gaafatee, dhugoomsaa,jennee dinqisiifanne . Ammaas, waa’ee iimaanaa irraa naaf himi,jedhee gaafannaan, akkana jedhan:”Rabbitti amanuu, malaykota Isaattiis, kitaabota Isaattiis,Ergamtoota Isaattiis,guyyaa boodaattiis amanuu dha. Toltuu fi hamtuu qadaraattiis amanuu dha”. Akkana jennaan, dhuguma dubbatte jedheenii,ammaas waa’ee ihsaanaa irraa naaf odeessi jedhee gaafannaan, akkana jedheen:”Akkuma waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati Isa arguu baattees, Isaatu si argaa.” Ammaas qiyaamaa irraa naaf odeessi jedhee, gaafannaan,akkana jedhe:”Ani gaafatamaan si gaafataa irra beekaa miti. Eegasiifuu mallattoolee isiitirraa naaf himi jedhee gaafate. Ergamaan(SAW) akkana jedheen: Gabrittiin goftaa isii dhaluu,namoota kophee hin qabne,kan qaama irraa huccuu hin qabne, harka qalleeyyii tikistee re’ee kan ta’an isaanii jaarmaya keessatti wal dorgoman arguu dha.” Umar akkana jedhe: Gurbaan ni deeme, guyyoota muraasa ni turre, achii booda Ergamaan(SAW) akkana jedhe:”Yaa Umar! Gaafataa san nama inni ta’e ni beektaa?” jennaan, nutiis: Rabbumaa fi Ergamaa Isaatu beeka jennee deebifnaan, akkana jedhe:Inni sun Jibriili,waa’ee amantii keessanii isin barsiisuuf isinitti dhufe.” Muslimiitu gabaase(8)
G52: Hundeelee sadeen irraa hundeen sadaffaa, tan gabricha irratti isii beekuun dirqamaa sun maali?
D: Hundeen sadaffaa: Nabiyyicha keessan Muhammad(SAW) beekuu dha. Inni Muhammad Abdallaah, Abdul Muxxalib, Haashim;Haashim Qureeshii irraayi,Qureeshiin Araboota irraa yoo taatu, Arabni immoo ilmaaan Ismaa’il Ibraahiim irraayi,nagayaa fi rahmanni isaa fi Nabiyyicha keenya irratti haa jiraatu!
G53: Umriin isaa hangam ture?
D: Umrii isaa waggaa jahatamii fi sadi ture;isii irraa afurtama nabiyyummaan dura dabarse, digdamii sadi immoo nabiyyummaa keessatti dabarse. Suuraa Iqraa’iin nabiyyii godhame,suuraa Almuddassiriin ni ergame, biyti isaa makka.
G54: Nabi Muhaammad maaliin ergame?
D: Shirkii irraa nama baqachiisee, gara toohidaatti yaamuudhaan ergame.
G55:Waan kana irratti ragaan maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa huccu mammarataa! Ka’ii namaaf dinniini. Rabbii kee guddisi. Uffata kee qulqulleeffadhu. Taabota gabbaruu irraa fagaadhu. Guddoo barbaaduuf xiqqoo hin arjoomin. Goftaa keetiif obsi.”
G56: Hiikkaan jecha “Qum fa anzir” jedhuu maali?
D: Hiikkaan isaa shirkii irraa dinniini,gara tokkummaa Rabbiitti nama waami jechuu dha.
G57: Hiikkaan Rabbii kee guddisi jedhu maala jechuudha?
D: Isa tokkichoomsuudhaan guddisi.
G58: Hiikkaan”huccuu kee qulqulleeffadhu” jedhu maali?
D: Hujiilee kee shirkii irraa qulqulleessi jechuu dha.
G59: Hiikkaan “Taabota irraa fagaadhu” jedhu maali?
D: Taabotaa fi namoota isa gabbaru irraa qulqullaa’uu dha.
G60: Gara Towhidaa yaamuu irra nabiyyichi hangam ture?
D: Waggaa kudhan gara towhidaa yaamee, ergasii gara samii isaan ol bahamee, salaatni shaman isa irratti dirqama godhame.
G61: Makkatti Nabiyyichi (SAW) salaata hangam salaate?
D: Makkatti waggaa sadi salaate, ergasii gara Madiinaa godaanutti ajajame.
G62: Hijiraa jechuun maal jechuu dha?
D: Hijiraa jechuun biyya shirkii irraa gara biyya islaamaa deeemuu,godaanuu dha. Biyya shirkii irraa gara biyya islaamaa godaanuun ummata kana irratti dirqama. Isiin hanga qiyaamaan taatutti ni jiraatti.
G63: Ragaan waan kanaa maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”warra biyya shirkii keessa jiraatuun lubbuu isaanii miidhanii,malaaykonni guyyaa Badrii isaan ajjeesan,maal keessa turtan isaaniin jedhan , biyya makkaa keessatti hacuucamnee turre, jedhanii yeroo isaan deebisaa godhan, akkana jedhaniin: Dachiin Rabbii balloo dha. Keessaa hin godaantanii? Isaan san galoon isaanii jahannami, bakka itti deemen ta’uuf waa hammaattee. Dhiira, dubartootaa fi ijoollee irraa warra lallaafoo,tooftaa baasuuf I karaatti warra hin qajeelle malee. Isaan san Rabbiin isaaniif irra darbuun ni kajeelama,Rabbii irra darbaa, araaramaa ta’e.” (Annisaa’i)
Ammaas ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa gabroota kiyya kan amantan! Dachiin tiyya balloo dha, anuma gabbaraa!”(Al ankabuut:56)
Baghawiin Rabbi rahmata isaaf haa godhuu! Akkana jedhe:”sababaan aayanni olii tun buuteef ,muslimtoota makka keessa turan, kan hin godaanin, Rabbiin maqaa iimaanaatiin isaan waame.”
G64: Hadiisa irraa godaanuu irratti ragaan maaltu jira?
D: Hadiisa irraa godaanuu irratti ragaan, jecha Ergamaati(SAW):”Godaanuun hin dhaabbattu hanga towbaan dhaabbattutti. Towbaan hin dhaabbattu hanga biiftuun lixa isii irraan ol baatutti.” Ahmad,Abuu Daawud, Albaanii
G65: Eega Nabiyyichi(SAW ) Madiinatti galee shari’aa irraa waan itti guutame dubbadhu?
D: Yeroo Madiinaa qubatu, shari’aa Islaamaa irraa waan hafetti ajajame;fakkeenyaaf: zakaa, sooma, hajji,azaana,, jihaada,toltutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu fi shari’aa irraa wantoota kana fakkaatanitti ajajame.
G66: Madiinatti Nabiyyichi (SAW) hangam takka amantii geggeessaa ture?
D: Waan kana irra waggaa kudhan ture, Ergamaan (SAW) odoo diin isaa lafa irratti ummata jiddutti hafee jiruu du’e. kan nu keessa jiru kunuu diin isaati. Toltuu takkallee ummata isaa irratti qajeelchu malee, hamtuu takkallee irraa baqachiisu malee hin dhiifne.
G67: Irra guddaan kheeyrii Ergamaa(SAW) ummata itti ajajee maali?
D: Toltuun inni ummata itti qajeelche: Towhidaa fi waan Rabbiin jaalatu hunda.
G68: Irra guddaan hamtuu Nabiyyichi(SAW) ummata irraa baqachiisee maali?
D: Hamtuun inni irraa baqachiise, shirkii fi waan Rabbiin jibbu hunda.
G69: Ergamuun Nabiyyichaa(SAW) hanga muraasatti moo , ummata hundatti?
D: Rabbiin isa gara nama hundaatti erge. Ajaja isaa godhuun warra dachii keessa jiraatan; jinni fi nama irrattiis dirqama godhe.
G70: Ergamuun Nabiyyichaa nama hundatti ta’uu raga fidi?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa Muhammad! Jedhi: Yaa nama! Ani gara isin hundaatiin ergame.”(Al a’araaf:158)
G 71:Amantiin ergamuu Nabiyyichaatiin guutamtee?
D:Rabbiin isaan amantii guute.
G 72: Diin guutamee jiraatuu irraatti ragan maali?
D: Ragaan jechaa Rabbiti:”har’a diin keessaan isini guutetiin jira, godhii tiyyaas isinii xumureera, amantiifis islaammumaan isiinif jaalla dhe.”(Almaa’idaa:3)
G 73:Ergaaman Rabbi(S.A.W)du’uu irraatti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbiiti:”Ati ni duuta, isaanis ni du,u. Ergasii guyyaa qiyyaama Gooftaa keessan biratti wal mormuuf jirtu.”(Azzumar:30,3)
G 74:Namni erga du’e booda garam deema?
D:Namoonni yeroo du’an ni kaafamu.
G 75:Kaafamu irraatti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbiiti:”Dachii irraa isin umnee, isii keessatti isin deebifna, yeroo biraas isuma irra isin baafna.”(Xaaha:55)
Ammaas jecha Rabbiiti:”Rabbii irraa uuminsa isin uume, isii keessatti isiin deebifna ; ergaasi isi keessatti isin deebise, baasinsa isi keessa isin baasa.”
G 76: Erga ka’anis maaltu argama?
D:Erga ka’insaatii qoratamanii,hujii isaani galata galfamu.
G77: waaan sann irratti raga dubbadhu?
D: ragaan jecha rabbiiti:”waan samii torbanii fi dachii keessaa rabbumaafi,warra balleesssan waan isaan hojjatan galata galchee fi warra toltuu hojjataniis gaarii akka galata galchuuf.”(annajm:31)
G78: murtiin nama kaafamuu kijibsiisee maali?
D: namni kaafamuu sobsiise ni kafara.
G79: waan kana irratti ragaan maali?
D: ragaan jecha rabbiiti:”isaan kafaran hin kaafamnuu yaadan. Lakkii, rabbitti kakadhe! Kaafamtaniiti,waan hojjattan galata galafamtu. Sun rabbi irratti laafaa dha.(attaghaabun:7)
”
G80: Rabbi maaliif ergamtoota erge?
D: Rabbi ergamtoota hunda gammachiisoo fi sodaachisoo godhee, erge.
G81: Ragaa kanaa maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Ergamtoota, gammachiisoo fi sodaachisoo goonee, ergine. Ilma namaatiif eega ergamtoota itti Rabbi irratti wanni himatan akka hin taaneef ergine.”(Annisaa’i:165)
G82: Ergamaa jalqabaa eenyu; kan xumuraa hoo eenyu?
D: Jalqabani ergamtootaa Nuuh yoo ta’u;xumurri isaanii immoo Muhammad (SAW) ta’a.
G83: Ragaan waan kana irratti maali?
D: Nabi Nuuhjalqaba isaanii ta’uu irratti ragaan jecha Rabbiiti:” Nuti gara kee,akka gara Nuuhii fi nabiyyoota isaan boodaatti wahyii (beeksisa) goonetti gooneerra.”(Annisaa’i:163)
G84: Ummata hunda ergamaan itti ergamee jiraa?
D: Ummata hunda Rabbiin ergamaa nuuh irraa kaasee hanga Muhammad(SAW) itti ergeera.
G85: Ergamaan sun maalitti ajaja?
D: Rabbuma qofa gabbarutti isaan ajajeeti, taabota gabbaruu irraa isaan dhoorga.
G86:Ragaan waan sanaa maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Rabbiin kakadhe! Dhugumatti,ummata hunda keessa Rabbi gabbaraa, taabota gabbaruu irraa fagaadhaa jechuun ergamaa ergine.” (Annahli:36)
G87: Wanni Rabbiin gabroota hunda irratti dirqama godhe maali?
D: Taabotatti kafaranii,Rabbitti amanuu dha.
G88: Xaaghuuta jechuun maali?
D: Ibnul Qayyim Rabbi rahmata isaaf haa godhuu akkana jedhe: “Xaaghuutni: waanuma gabrichi daangaan dabre; gabbaramaa yooknaan hordofamaa yookaan ajaja godhamaa irraa kan taee dha.”
G89: Xaaghuutonni hangami?
D:Xaaghuutonni baay’eedha; matootiin isaanii shani:Ibliis-abarsi Rabbii isa irratti haa bu’u, nama akka isa gabbaran jaalatuu dhaan gabbarame, nama isa gabbarutti nama waame, nama waan fagootiin beekaa himatee fi nama wanta Rabbiin buuseen alatti murtii kennee dha.
G90: waan san irratti ragaan maali?
D: Ragaan jecha Rabbiiti:”Amantii ISlaamaa keessa dirqiin nama naquun hin jiru, qajeelloon jallina irraa adda bahee jira. Namni taabotatti kafaree,Rabbitti amane dhugumaan fannoo jabduu, hin cinne qabate;Rabbiin dhagayaa, beekaa dha.”(Al-Baqaraah:256)
Hiikaan dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruudhaa isuma kana.
Ammaas hadiisa keessatti akka armaan gadii kanaatu jira:
“Mataan diin Islaamummaa dha,utubaan isaas Salaata, fiixni dalluu (gooba) isaas karaa Rabbiif qabsaawuu dha.” Tirmizii (2616) bareedaa, qulqulluu dha jedhee gabaase.
Rabbumaatu akkaan beekaa dha. Rabbiin rahmata Muhammad, maatii isaa fi sahaabota isaa irratti haa buusu, nagayaas
1 note
·
View note
Nabiyyullaha Zakariya
Xumara nabiyyoota gahaa jira fakkaata. seenoota darban dinqiilee adda addaa kan ajaa’ibamaadi tokkoon isaa wal hin fakkaane rabbiin agarsiisaa bahe. garii ummata ajaja fudhachun qajeelfaman.kaan haarki caalaan gantuu tahe dallansuun dhabamsiisee.
Dhabamsiisuu qofaan yoom dhaabe. wanti hojjatan cufti barreeffamee jira guyyaa booda ni kaafnaan kakatee.
Lafa kana’aan ummanni israa’iil nabiyyiin goolabamuu arkachuuf deemti.
Nabiyyootan bakka wal buusaa kitaaba guddaa tewraatin bulaa rabbii kophummaan gabbaraa jiran.
Yeroon zamanaa Namani tokkoo zamana kana seeraa bulmaata tewraatin dalagaa raawwaacha jiru. Innis raawwachisu kessaa nabiyyullaha zakariyaa ja’aama.
Barsiitoota tewarat beytuul qudis kessatti barsiisan kessaa tokko zakaariya yeroo tahuu seera rabbii tawuurat sirrii dhaan rawwachuuf hundarra caaluu isaan qixxaatu hinjiru.
Nabiyyullaha zakaariyaan bakka bu’aa mana amntaa tajaaliilaa qajeelfaalee seeraa hogguu ummataaf barsiisuun jiraatan.
Bulchiinsaa mootoota kessatti seeroota tawraat luubaa(qeesii) dirqisiisun akka isaanii tooluun shaaraa kan haafee cufti haala gaariin deemaa jira.
Mootootan wal qabatee luubooni abbooni amantaa mootoota biraan jaalatamuuf jecha tawuurat shaaruuf yaalii godhu barbaadan zakaariyan dhowwuufi eguun beekkamaa. kanaafis zakariyaf ilaalcha haama qabaniif.
Haaluma kanaan tawuurat osoo hin ida'amiin hin hir’atiin waggaa dheeraaf iluuba (qeesii) kokkee wajjin wal qabaa zakariyaan waggaa dheera waliin deemee jira
Amma dulloomiina kan ka’ee mudhiin tulluu taatee jirtii.
Umriin nanawwaa sagaltamoota darbee dadhabun mul’achaa jira.
Haata’u garuu qaamni dadhabuun gara mana amntaa deddeebi’aa tajaajiluu hin dhowwinee.
Barsiisaa luuba olaana beekaan abbaan maryam Imraan garoominaan beekamuu zakariyaa wajji saahiibaz michuu jabaa tuan..
Michuun zakariyaa Imraan adunyaa galan. Yeroo du'uu luuboonni (qeesiin) kabajaa jaalalan isaaf qabaniirra intala daa’ima mariyam guddisuuf morkii seenuu egalan.
Dhumarratti cufti qeesii zakariyaa ida’aate mariyam guddisuuf carraa baasan.
Carraan baanan guddisaan mariyam jaarsa haboo isii zakariya tahe arkame.
Jaartiin zakariyaa haadha mariyamiif obboolleetti guddoo isiiti.
Haadha maryamiif waada seeneefi zakariyaan kaayyoo guddisuu qabaatuus himeefi gaafatamummaa fudhatee mooraa beytul maqdes kaayamte,
Manguddoon zakariyaan hoojii ogeessa najjaaraa bobba'un qarshii arkatanin jiraatan.
Halkanii guyyaa beytel meqdas hogguu yeroo deemu mariyam laaluf daddeeb'ia daawwataa.
Gaafa tokko mariyam daawwachuuf kutaa mana jireenyaa seenuu mariyam maddi(ciinaa) lafa iyeerusalam hin jirrefi waqtiin hin geenye nuduraa jiraachuu arkee hedduu aja’ibee.
Zakariyaa :-" Muduraalee kana essaa arkattee mariyam ? "je’ee gaafatee.
Mariyam :-"Rabbii biraa hi. rabbiin ka feedhef wasanaan malee razaqa "jechuun deebiisteef.
Tana dhagahuun zakariyaan miira adda dhaga’amuu egalee. Zamana dheeraa niyyaan qabate garuu yaachisaa kan ture amma haaraatti arkameef.
Laguu dhigaa yeroon agartee jaartiin waggoota hedduu darbee jiraa. Zakariyaanis umriin deemee arriin arrawee dhaluuf hin caarroomne kanaafis cinqamaa ture. Arra afaan mariyam haasawa dhaga'een jabina sammuu fiiddeefi ijji haguuggamee jiru irraa banamtee.
Bakka gabbarii deemee halkan tokko zakariyaan mihraaba gubbaa dhaabbatee gama samii ol qaban akkuma bakka salaata dhaabateen.
Zakariyaa:-“Goofta koo! ani lafeen kiyya dadhabee. mataan kiyya arriin arraawee. (hogguu) carraa dhabaa hintaane. aniis duuba kiyyaa firoottan kiyya dhugumatti sodaadhee. jaartiin tiyya masheenaa. kanaafuu siihi biraa ilma naaf kennii.” je’ee rabbii kadhate.
Kadhannaa kanaan wal qabatee melykaan zakariyaa yaamee
Meelykaan(Jibriil):-“ Yahyaa jecha rabbiirra taheen ka mirkanaa’ee…..nabiyyoota gagaarii tahen oduu baredduu siin gammachisa rabbiin .” je’een
Haata’uu garuu zakariyaan gaafii gaaftee deebii argateen aja’ibamee jira.
Zakariyaa:-"Yaa rabbii! ani dulloomiinni narraan gahee jaartiin tiyyas masheena taatee akkamiin ilmoo qabaadha.” je’een.
Gooftaan:-" ammaan dura humaa kan hin turre sii umee tahee, inni anaratti laafa dha.”je’een
Zakariya :-"Yaa rabbii koo! anaa mallattoo naaf goodhii "je'e.
Jibriil :-"Mallattoon kee guyyaa sadii ummata hin dubbisutu eeruun malee.”jechuun deebiseef.
Mallattoo yeroo gahee fayyaa osoo qabuu afaan cufamnaan oduun haara ja’aame gahuu beekee. Dhugumatti afaan cufamnaan kaayyoonis dhugaa tahuu hubatee
Kanaaf ummata wajjiin walii galuu hin dandeenyee mallattoon eeruun qaama sochoosuun wali hubata.
Jecha rabbi yaadachuuf rabbii akka faarsuu jabeessee waqtii halkanifi ganamaa ibaadaa gabbaruu dabarse.
Goofta rahamataafi dandentiin wasana hin qabnee allaha zakariyaafi dhaluu hin dandeenyefi jaartii masheena taatee ilma angafaa hin qabnee mucaa arkatan.
Waada rabbiin seeneen ilma maqaan yahyaa ja’amuu ilma dhira arkatee zakariyaan abbaa tahee.
zakariyaan mucaa isaa yahyaa sirna guddinaa tarbiyaa safuu qabun guddiisee.
Seera kitaaba tewraat yahyaan kan murteessuu tahee osoo jiruu umrii waggaa 30 yeroo guutu ergamaa tahuu rabbiirraa badhaafamee.
Kutaan ittii Anu Nabiyyullaha Yaahya (a.s) itti fufa………
ﺍﻟﻘﺮﺀﺍﻥ ﺍﻟﻜﺮﻳﻢ
________________________________________________
#AdnanOs
1 note
·
View note